Maanguddoon Milishaadhaan Ajjeefame ,ilmaan Isaa Waraanaaf Humnaan Fudhachuu Dhorkuuf Yaaluudhaan.
- Ref
- ORO-B58058E5A4
- Date of incident
- Zone
- West Hararghe
- Number of people affected
- 1
Mohaammad Umar, jiraataa naannoo kanaa, kaleessa milishaadhaan rasaasaan mataa keessa rukutamee ajjeefame.
Milishoonni ilmaan isaa lama humnaan qabanii gara waraanaatti erguuf yaalanii turan. Obbo Mohaammad, "Ijaan utuun arguu ilmaan koo gara du'aatti hin geessitan" jechuun humna isaa guutuun ijoollee isaa oolfachuuf yaale. Sababuma kanaaf milishoonni rasaasaan mataa isaa keessa rukutan.
Ummanni naannichaa lafaa isa kaasee gara Hospitaala Ciroo geesse; garuu madaan irra ga'e hamaa waan ta'eef, har'a ganama hospitaala keessatti lubbuun isaa dabarte.
Kun yeroo lammaffaa maatii isaanii irratti gochaan wal fakkaatu raawwatamu. Bara darbe illee ilma isaanii tokko humnaan fudhatanii gara waraanaatti ergan; hanga ammaatti jiraachuu fi du'uun isaa hin beekamu. Kaleessas ilmaan lama humnaan qabnaan.
